Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera
Caamsaa 26/2018(ENA)- Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu dame industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jechuun ibsan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen fuula marsariitiisaaniirratti akka ibsanitti, walabummaa fi bilisummaan biyyaa guutummaatti kan mirkanaa’u oomishoota industirii qulqullinaan, akaakuu fi baay’inaan beekumsa ofii, ogummaa ofii fi teeknooloojii ofiitiin oomishuu yeroo dandeenyudha.
Mootummaanis guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jedhan.
Hojmaatilees diriirseera. Onnachiiftuus taasiseera jechuun insaniiru.
Qaama riifoormii kanaa kan ta’e sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuus bu’aansaa ifatti mul’achaa jira jedhaniiru.