Tamsaasa Kallatti:

Hirmannaa cimaa Adeemsa Filannoo keessatti ijaarsa Sirna Dimokiraasiitiif agarsiisne Misoomaanis itti fuffna

Caamsaa 26/2018 (ENA)- Hirmaannaa jabaa adeemsa filannoo keessatti ijaarsa sirna dimokiraasiif agarsiisne misooma irrattis itti fufsiisna jechuun jiraattonni magaalaa Dirree Dawaa yaada isaanii ENA’f kennan ibsan.

Filannoo waliigalaa torbaffaa guutuu biyyattiitti Caamsaa24 gaggeeffame irratti lammiileen qorri ganamaa fi dukkanni galgalaa osoo isaan hin daangessiin sagalee isaanii kennaniiru.

Rippoortarri ENA adeemsa filannichaa fi hirmaannaa ture ilaalchisee magaalaa Dirree Dawaa keessa deemuun jiraattota haasofsiiseera.

Jiraattonni yaada kennaniin akka ibsanitti, gumaacha adeemsa filannichaa keessatti dimokiraasii dhugoomsuuf taasisan, imala misoomaa fi guddina magaalattii keessattis itti fufsiisuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Yaada kennitoota keessaa Obbo Mindaa Salamoonii fi Aadde Maahileet Taaddalaa hirmaannaan isaan kenniinsa sagalee irratti taasisan biyya ofii fi ijoollee isaaniif mijattu ijaaruuf itti gaafatamummaa qaban ta'uu dubbataniiru.

Kanas ta'uun, adeemsa filannichaa keessatti hirmaannaa jabaa ijaarsa sirna dimokiraasiif agarsiisne misooma irrattis itti fufsiisna jedhaniiru.

Obbo Alamayyahu Baqalaa, Aadde Kadiraa Usmaan fi Obbo Girmaa Bazzaayee gama isaaniitiin; filannoo seena qabeessa kana irratti hirmaachuu fi sagalee kennuun itti gaafatamummaa biyyaalessaa ta'u kaasanii, adeemsi filannichaa ijaarsa sirna dimokiraasii biyya keenyaa bu'uura gaarii irra kan dhaabu ta'uu eeraniiru.

Kanaafis hirmaannaa jabaa filannicha keessatti argisiisne gara fuulduraatti adeemsa ijaarsa misoomaa fi nageenya biyyaa irratti itti fufsiisuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015