Adeemsi Fillannoo Sirni dimokiraasii akka dagaagu taasiseera – Gamtaa Mana maree paartilee siyaasaa Naannoo Hararii - ENA Afaan Oromoo
Adeemsi Fillannoo Sirni dimokiraasii akka dagaagu taasiseera – Gamtaa Mana maree paartilee siyaasaa Naannoo Hararii
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Adeemsi filannoo waliigalaa 7ffaan sirni dimokiraasii akka dagaagu taasiseera jechuun gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Hararii beeksise.
Gamtaan Mana marichaa adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.
Walitti qabduun mana marichaa Aadde Hasannat Muummee ibsa kanaan akka beeksisanitti, adeemsa filannoo waliigalaa Kanaan hojiiwwan gaariinii fi jajjabeessoon waliin hojjetamaniiru.
Filannoon waliigalaa 7ffaan paartilee siyaasaa gidduutti aadaan marii kan itti cime ta'uu eeranii, adeemsa filannichaa keessatti paartileen waliin mari'achaa fi hanqinootaaf furmaata kennaa deemuun isaanii sirni dimokiraasii akka dagaagu taasiseera jedhaniiru.
Nagaa fi misooma fulla’aa biyyaatiif filannoon dimokiraatawaa ta'e murteessaa ta'uu ibsuun; paartileen dhimmoota waloo irratti mari'achuu isaaniiti fi amantaan gidduu isaaniitti mul'achaa jiru cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.
Fuuldurattis manni marichaa aadaan marii fi waliigaltee dhimmoota biyyaalessaa irratti jiru akka cimuuf, hojiiwwan qindoominaan hojjetu caalaatti cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.