Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qaamolee nageenya adeemsa kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaan qooda isaanii bahatan galateeffate - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qaamolee nageenya adeemsa kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaan qooda isaanii bahatan galateeffate
Caamsaa 25/2018(ENA) : Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qaamolee nageenya adeemsa kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qooda isaanii bahatan galateeffateera.
Hoggantoonni olanoon Tajaajilichaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan akkka xumuramuuf hoggansa tarsiimawaa kennuu ibseera.
Miseensonni guutuunis bobbii itti kenname miira jaalala biyyaa olaanaan halkaniifi guyyaa hojjechuun gahee olaanaa bahachuu himeera.
Faayidaa filannoon nageenya biyyaaf qabu ergama dhaabbatummaa waliin walitti hidhuun hoggantoonni gahumsa olaanaan hoggantaniifi miseensonni hojiirra oolchitan, adeemsi isaa milkaa’inaan akka goolabamuuf gaheen bahattan agarsiiftuu milkaa’ina tajaajilichaa waan ta’eef galata qabdu jedheera.
Filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamolee tasgabbii fi odeeffannoo federaalaafi naannolee tajaajilicha wajjiin tumsaan hojjetanis galateeffateera.
Kutannoo fi bilchina uummanni biyyattii milkaa’ina filannoof agarsiiseefis galateeffateera.
Filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf teeknooloojiiwwan dandeessisan misoomsuun, guuttachuunii fi hidhachuun milkaa’ina isaaf hojiirra oolchuu Tajaajilichi ibseera.
Konfiransii nageenya biyyaalessaa 2ffaa dhaabbatichi qopheesseen haalota nageenyaa biyyaalessaa hanga idil-addunyaa irratti gamaaggama gaggeessuun, filannoo waliigalaa 7ffaaf qophiin gama maraa taasifamuu yaadachiiseera.
Dhaabbatichi haalli filannoon boodaa naga qabeessi akka mirkanaa’uuf guutuu biyyattiitti bobbii nageenyaa fi odeeffannoo cimsee kan itti fufu ta’uu ragaan Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ENA’f erge ni mul’isa.
Itiyoophiyaan_Filatteetti!
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA#