Tamsaasa Kallatti:

Qabxiin filannoo kan yeroo magaalaawwan garagaraatti maxxanfamaa jira

Caamsaa 25/2018(ENA)- Qabxiin filannoo walii galaa torbaffaa kan yeroo magaalaawwanii fi bakkeewwan garagaraatti maxxanfamaa jira.

Filannoo walii galaa kaleessa gaggeeffameen ummanni halkan qorraan, guyyaa aduu fi hiriira dheeraadhaaf osoo hin jilbeeffatiin amma halkan walakkaatti sagaleen koo gatii qaba jedhee buufataalee filannoo garagaraatti filachaa ooleera.

Guyyaa har’aas buufataalee garagaraatti lakkoofsi sagalee xumuramee qabxiiwwan filannoo kan yeroo maxxanfamaa jira.

Agabaasonni ENA buufataalee filannoo garagaraa magaalaawwan Hawaasaa, Jiinkaa, Walaayittaa Sooddoo, Diillaa, Alattaa Wandoo, Shaashamannee fi Walqixxee irra deemuun qabxiileen filannoo kan yeroo maxxanfamaa fi ummataaf ifoomaa jiraachuu  mirkaneessaniiru.

Ummanni filates har’a ganama irraa eegalee buufataalee filannoo kaleessa itti filachaa oole dhaquudhaan qabxiilee filannoo kan yeroo ilaalaa jira.

Filannoon walii galaa torbaffaan adeemsa isaatiin hirmaannaa cimaa lammiilee fi abbummaa aangoo qabatamaan kan itti mul’ate ta’uun olitti sirni demokiraasii akka gabbatu ashaaraa isaa kaa’eera.

#Itiyoophiyaan Filatteetti # Itiyoophiyaan mo’atteetti

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015