Tamsaasa Kallatti:

Qabxiin filannoo boordiidhaan amma ifoomutti odeeffannoowwan madda kamirraayyuu bahan tamsaasuurraa of qusachuun ni barbaachisa-Boordicha

Caamsaa 25/2018 (ENA)- Qabxiin filannoo boordiidhaan amma ifoomutti odeeffannoowwan madda kamirraayyuu bahan tamsaasuurraa of qusachuun akka barbaachisu Boordiin filannoo biyyaalessaa hubachiise.

Akkaataa seera filannootiin qabxiin boordichaan amma ifoomutti obsaan akka eegdan jechuun boordichi gaafateera.

Boordichi ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti dabarseen, kaleessa Caamsaa 24 bara 2018 filattoota dammaqinaa fi obsaan filatanis galateeffateera.

Haala Kanaan akkaataa seera filannootiin qabxiin boordichaan amma ifoomutti obsaan eeguun akka barbaachisu ibsee, odeeffannoowwan madda biroo kamirraayyuu bahan tamsaasuurraa akka of qusattan jechuun boordichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015