Filannoo Waliigalaa 7ffa buleesaa, har'a ganama piroojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalsissneerra- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Filannoo Waliigalaa 7ffa buleesaa, har'a ganama piroojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalsissneerra- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Caamsaa 25/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Filannoo Waliigalaa 7ffa buleesaa, har'a ganama piroojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalsiifneerra jedhani.
Kaka'umsi guddaan kun iddoowwan gogolaa'an eegumsa biyyoo ammayyaafi laga calaluudhaan gara bakkeewwan magariisaatti geeddaruudhaan paarkiiwwan muduraalee, daandiiwwan deemsa miilaafi biskileetii waliin qindeessuudhaan magaalaa guddoo keenya haaresseera jechuun karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Poroojektiin walumaagalatti misooma qarqara lagaa kiiloo meetira 22.25 uwwisu kun, hojii misoomaa keenya addaan hin cinneef ragaa jiraataa ta'uusarrayyuu guddinni biyya keenyaa, kunuunsi naannoofi haaromsi magaalaa hojiidhaan kan itti mul'atedha jedhaniiru.