Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaanonni filataniiru, Itiyoophiyaan mo’atteetti!

Itiyoophiyaanonni filataniiru, Itiyoophiyaan mo’atteetti!

Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Itiyoophiyaan waan barbaaddu yeroo fi haala barbaaddetti biyya lammiisheerraa argattudha.Lammiilee Waan gaafataman hunda biyyasaaniif kennuuf  duubatti hin deebine waan qabduuf guddaa boonteetti. Adwaarraa  amma hidha haaromsaatti, lammiin lamii deeggaruurraa amma ashaaraa magariisaatti, hirmaannaa lammiishee gaafattee, fedhiisheen olitti milkoofteetti. Waanti har’a raawwatames kanuma.

 

Itiyoophiyaan demokiraasii Itiyoophiyaa dagaagsuuf, filannoo ifaa fi demokiraatawaan mootummaa filachuu, heera mootummaa bu’ura cimaa qabsiisuu dandeesseetti. Kanaaf ammo filannoo biyyaalessaa torbaffaa akka carraa guddaatti fayyadamuuf ishee barbaachisee ture.

Kanaaf deebii kan ta’u lammiileen miiliyoona 54 caalan filachuuf galmaa’anii guyyaa har’aa kana eeggachaa turaniiru. Kunoo waamicha biyyaa fudhachuun lammiileen baay’inaan bahanii filachaa oolaniiru,halkanis walakkeessaniiru. Seenaa filannoo Itiyoophiyaa keessatti namoonni sa’aatii dheeraa hiriiranii kan itti filatan filannoo addaatis.

Filannichi akka hin gaggeeffamne Alagaa fi Baandaan qindoomanii  waanti isaan hin goone, gufuun isaan hin tarreessine hin jiru. Haa ta’u malee Waamichi Itiyoophiyaan jaalattoota biyyaaf taasifteef waanti hin danda’amne waan hin jirreef milkaa’inaan xumurameera. Itiyoophiyaanonni karaa nagaa filatanii Itiyoophiyaan mo’atteetti.

Ummata waamicha filannoo demokiraatawaa Itiyoophiyaan taasifte fudhatee ganamaa amma halkaniitti filachuun deebii kenneef, sirni heera mootummaa chichee akka dhaabatuu fi lammiileen nagana akka filatan haala mijataa kan uuman qaamolee nageenyaa, daqiiqaa daqiiqaadhaan odeeffannoo wayitaawaa fi sirrii qaqqabsiisaa turan dhaabbilee miidiyaa akkasumasadeemsa filannichaa kan gaggeessan, kan qindeessanii fi kan taajjaban hunda Itiyoophiyaan isaan galateeffatti.

Tajaajila komunikeeshinii mootummaa FDRI  

Caamsaa 25, 2018, Finfinnee Itiyoophiyaa

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015