Tamsaasa Kallatti:

Paartii nuuf mala jennuuf sagalee kennineerra

Caamsaa 24/2018(ENA)- Filannoo walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaatiin Paartii nuuf mala jedhaniif sagalee kennuusaanii jiraattonni magaalaa Finfinnee yaadasaanii ENA’f kennan ibsan.

Har’a Caamsaa 24 bara 2018 ganama sa’aatii 12 irraa eegalee filannoon walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan gaggeeffamaa jira.

ENA’n Kutaa magaalaa Araadaa aanaa 6 buufata filannoo ‘Wafcoo Beet’ lamatti  kan dubbise obbo Alamaayyoo Taammiruu akka ibsanitti, qama itti amananiif sagaleesaanii kennaniiru.

Obbo Birhaanuu Awwaqaa fi obbo Salamoon Nagaasha gamasaaniin, paartii naaf mala jedhaniif bilisa ta’anii sagalee kennuusaanii dubbataniiru.

Kutaa magaalaa Ekkaa aanaa 11 buufata filannoo ‘11 sheed’ qaxanaa 4/5 tti osoo filatanii kan argine obbo Taaddasaa Geetaachoo fi adde Xuruwarqi Fiqrasalaam Fiqrayohaannis gamasaaniin, paartii  nu gaggeessa nu bulcha jedhanii itti amananiif sagalee kennuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015