Tamsaasa Kallatti:

Taajjabdoonni filannoo gamtaa dhaabbilee waldaalee siviilii Itiyoophiyaa daangaa tokko malee buufataalee dhaquun adeemsa filannoo taajjabuu danda’aniiru

Caamsaa 24/2018(ENA)- Taajjabdoonni filannoo gamtaa dhaabbilee waldaalee siviilii Itiyoophiyaa daangaa tokko malee buufataalee dhaquun adeemsa filannoo taajjabuu danda’uusaanii beeksisaniiru.

Gamtichi argannoo gabaasa taajjabbii walakkaa guyyaa filannoo walii galaa torbaffaa ilaalchisee ibsa gaazexessummaa kenneera.

Dura taa’aan boordii gamtichaa Saahilasillaasee Abbabaa, gamtichi gabaasa walakkaa guyyaa taajjabdoota filannichaaf bobbaasee dubbisaan dhageessisaniiru.

Gamtichi filannoo walii galaa 7ffaaf taajjabdoota taa’anii taajjaban kuma 2 fi 258 akkasumas kan irra deemanii taajjaban 891 walumaa gala taajjabdoota kuma 3 fi 149 bobbaaseera.

Taajjabdoonni kunneen buufataalee filannoo kuma 2 fi 258tti bobba’uusaanii ibsaniiru.

Akkaataa taajjabbii gamtichaatiin waraqaan sagaleen ittiin kennamu, chaappaan boordichaa, halluu qubaa hin gadhiifne, kan sagaleen itti kenname ittiin saamsaman, galmee filattootaa, saanduqa boordichaa sagaleen itti kennamu dabalatee meeshaaleen filannoo hundu guutamaniiru jedhaniiru.

Gabaasota fudhatan keessaa buufataaleen filannoo harka sagaltamii sagal irratti taajjabdoonni daangaa tokko malee gara buufataa dhaqanii taajjabuusaanii eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015