Tamsaasa Kallatti:

Paartii carraa egeree Itiyoophiyaa fooyya’aa taasisa jennee itti amanneef sagalee kennineerra-Jiraattota magaalaa Giincii

Caamsaa 24/2018(ENA)- Paartii carraa egeree Itiyoophiyaa fooyya’aa taasisa jedhanii itti amaniif sagalee isaanii kennuusaanii Jiraattonni magaalaa Giincii ibsan.

Har’a Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa torbaffaatiin ganama sa’aatii 12 irraa eegalee filannoon gaggeeffamaa jira.

Filattoonni naannoo Oromiyaa magaalaa Giincii yaadasaanii ENA’f kennan ganamaan buufata filannootti argamuun filachuusaanii ibsaniiru.

Kanneen keessaa Hajjii Raahimatoo Huseen, mirga demokiraasii qabanitti fayyadamuun ganamaan bahanii paartii naaf mala jedhan filachuusaanii dubbataniiru.

Paartii siyaasaa Itiyoophiyaa fi ummatasheef ni hojjeta jedhan filachuu isaanii kan ibsan ammoo Tsiggee Taaddasaati.

Ijaarsa sirna demokiraasii biyyaaf filannoon murteessaa waan ta’eef bariin bahee filadheera kan jdhan ammo jiraattuu magaalichaa Zannabech Guddataati.

Muluu Toleera gamasaaniin, barii sa’aaii 11tti bahuun ofirra darbee paartii ijoollee koo fi biyyaaf ni hojjeta jedhu filadheera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015