Adeemsa filannoo amma ammaatti jiruun qabannaan mirga namoomaa hin malle hinmul’anne-Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Adeemsa filannoo amma ammaatti jiruun qabannaan mirga namoomaa hin malle hinmul’anne-Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa
Caamsaa 24/2018 (ENA)- Adeemsa filannoo amma ammaatti jiruun qabannaa mirga namoomaa hin malle akka hin argine komishinariin olaanaa Komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa Birhaanuu Addeelloo ibsan.
Gareen Komishinichaa komishinarii olaanaa komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa Biraanuu Addeelloon durfamu buufataalee filannoo Arbaa Mincii fi Jimmaatti adeemsa filannoo ilaaleera.
Komishinariin olaanaa Biraanuu Addeelloo wayita kana akka jedhanitti ,qama miidhamtootaaf illee buufataaleen filannoo mijeeffaman ilaalaniiru.
Adeemsa filannoo ulaagaalee filannoo guute taajjabuusaanii dubbataniiru.
Adeemsi filannichaa guutummaatti naga qabeessaa fi bu’aa bayii kan hin qabne ta’uu eeranii, adeemsa filannoo amma ammaatti jiruun garichi qabannaa mirga namoomaa hin malle akka hin argine ibsaniiru.
Komishinichi naannolee filannoo 175 fi buufataalee filannoo kuma 2 fi 700 caali keessatti filannicha taajjabaa akka jiru ibsaniiru.
Karaa Sirna komii filannicharratti komii jiru keessummeessuuf qophaa’een adeemsa filannichaa hordofaa akka jiru himaniiru.
Hawaasni waggoota shaman dhufaniif qama isa gaggeessu filannoodhaan kan mirkaneeffatu waan ta’eef ummanni akka biyyaatti filachuuf galmeeffame miiliyoona 54 caalu paartii isaaf malu filachuudhaan mirga heera mootummaan kennameefitti fayyadamuu dhaamaniiru.