Tamsaasa Kallatti:

Harmeen sababa ciniinsuutiin filannoo addaan kuttee baate nagana hofkaltee deebitee filatteetti

Caamsaa 24/2018(ENA)- “Sagaleen koo gatii qaba” amantaa jedhuun bari sa’aatii 11፡30tti magaalaa Jimmaa buufata filannoo Daalool ganda Boosaa Addisitti argamtee kan turte adde Natsaannat Waldasanbat ciniinsuun itti dhaga’amnaan filannoo addaan kuttee bahuuf dirqamtee ture.

Hoospitaa dhaqxee daa’ima dhiiraa nagana erga hofkaltee booda dirqama lammummaashee bahuuf cichitee gara buufata filannootti deebiteetti.

Mirga filachuutti fayyadamtee erga filattee booda yaada kenniteen,bakkatti argamtee sagalee kennuusheetti guddaa gammaduushee ibsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015