Tamsaasa Kallatti:

Ministirri hoogganaa damee ijaarsaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa Fiqaaduu Tasammaa Sandaafaa Bakkeetti filatan

Caamsaa 24/2018(ENA)- Ministirri hoogganaa damee ijaarsaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa Fiqaaduu Tasammaa fi kantiibaan Sandaafaa Bakkee Alamaayyoo Tonkoluu Sandaafaa Bakkee buufata filannoo addababayii Sandaafaa Bakkeetti  argamanii filataniiru

Itiyoophiyaanonni ganama sa’aatii 12 irraa eegaluun filannoo biyyaalessaa torbaffaarratti argamuun filachaa jiru.

Haala Kanaan ministirri hoogganaa damee ijaarsaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa Fiqaaduu Tasammaa fi kantiibaan Sandaafaa Bakkee Alamaayyoo Tonkoluu buufata filannoo addababayii Sandaafaa Bakkeetti  argamanii filataniiru.

‎Filattoonni hedduun ganamarraa eegalee buufataalee filannootti argamuun filachaa akka jiran dubbataniiru.

Hirmaannaan guddaan kun ummanni adeemsa demokiraasii irratti amantaa cimaa qabu kan itti agarsiise ta’uu beeksisaniiru.

‎Kaka’umsi guddaan ummanni filannicharratti agarsiise guddaa kan isa galateeffachiisuu fi akka biyyaatti kan itti boonnudha jedhaniiru.

‎‎

‎Filattoonni hedduun ganamarraa eegalee buufata filannichaatti argamuun filachaa jiru.

#Itiyoophiyaan filachaa jirti #ENA_Afaan Oromoo #filannoo

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015