Filannoo walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan haala gaariin gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Filannoo walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan haala gaariin gaggeeffamaa jira
Caamsaa 24/2018(ENA)- Filannoo walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan akkaataa saganteeffameen haala gaariin gaggeeffamaa akka jiru dura teessuun boordii filannoo Itiyoophiyaa Meelaat Warqi Hayiluu ibsan.
Dura teessuun boordii filannoo Itiyoophiyaa Meelaat Warqi Hayiluu filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Boordiin filannoo adeemsi filannichaa erga eegalamee kaasee filannoof qophii haalduree garagaraa hojjechaa tureera jedhan ibsa kennaniin.
Filannichi bilisa, demokiraatawaa fi loogiirraa adda gochuuf hojjechaa turuusaa dubbataniiru.
Boordichi qophiilee filannoon duraa xumuree ganama har’aa sa’aatii 12 irraa eegalee filannoon walii galaa torbaffaa gaggeeffamaa jira jedhaniiru.
Filattoonni ganama sa’aatii 12 irraa eegalee buufataalee filannootti argamuun bilisummaadhaan filachaa akka jiru ibsaniiru.