Tamsaasa Kallatti:

Miidhamni qaamaa mirga filachuusaa kan hin daangessine Daanyaachoo Guutaa

Caamsaa 24/2018(ENA)-Kutaaleen hawaasa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannoo filannoo 19 ganamaan bahanii filachaa jiru.

Filannoon walii galaa 7ffaan har’a barii sa’aatii 12 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Filattoota bariin bahanii filchuuf buufata filannootti argaman keessaa obbo Daanyaachoo Guutaa keessatti argamu.

Daanyaachoo Guutaa wayita kana akka jedhanitti, miidhamni qaamaa mirga filachuu kootti fayyadamuurraa nan-daangessine, paartii naaf mala biyyaaf ni fayyada jedhu filadheera jedhaniiru.

Qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf dursi kennamee filachuusaanii ibsaniiru.

#Itiyoophiyaan filachaa jirti #ENA_Afaan Oromoo #filannoo

#TOI

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015