Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis bakka itti dorgoman magaalaa Gondar naannoo filannoo lamatti argamuun sagalee kennan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis bakka itti dorgoman magaalaa Gondar naannoo filannoo lamatti argamuun sagalee kennan
Caamsaa 24/2018(ENA)- Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis bakka itti dorgoman magaalaa Gondar naannoo filannoo lamatti argamuun sagalee kennaniiru.
Magaalaa Gondar buufataalee filannoo garagaraatti ganama sa’aatii 12 irraa eegalee filannoo walii galaa torbaffaaf sagaleen kennamaa jira.
Magaalaa Gondaritti naannolee filannoo lamaa fi buufataalee filannoo 240tu jiru.
Jiraattonni magaalaa Gondar har’a ganama sa’aatii 12 dura bahanii buufata filannootti argamuun filachaa jiru.
Filattoonni magaalattii ganda Shawaa Barri buufata filannoo ‘yeseetoochi Wafcoo’tti sa’aatii 12 irraa eegaluun filachuu eegalaniiru.
Dargaggoonni, Qaama miidhamtoonni, maanguddoonnii fi kutaaleen hawaasaa garagaraa filannicharratti hirmaachaa jiru.
Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis bakka itti dorgoman magaalaa Gondar naannoo filannoo lamatti argamuun Buufata ‘seetooch Wafcoo’tti argamanii filataniiru.
Dabalataanis hogganaan biiroo magaalaa fi bu’ura misooma naannoo Amaaraa Dr. Mollaa Malkaamuu fi mana maree federeeshiniitti barreessituun koree dhaabbataa hariiroo mootummootaa, tokkummaa demokiraasii fi barsiisa heera mootummaa adde Baanchiiyirgaa Mallasaa filataniiru.