Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi kenninsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa Magaalota Gimbii, Amboo fi Naqamteetti gaggeeffamaa jira

Caamsaa 24/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa magaalota Gimbii, Amboo fi Naqamtee keessatti adeemsi kenniinsa sagalee Filannoo waliigalaa 7ffaa ganama sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffamaa jira.


Magaalaa Gimbiitti kan argaman filattoonni ganama barraaqaan ka'uun, buufataalee filannoo isaanitti dhiyoo jiranitti argamuun sagalee isaanii kennaa jiru.


Magaalaa Gimbiitti jiraataa ganda Warra sayyoo kan ta'an Obbo Oljirraa Tasgaraa, ganamaan ka'anii sagalee isaanii kennuu isaanii ibsaniiru.


Yaada kan kennan kan biraan jiraattuu Magaalaa Gimbii ganda 06 kan ta'an Aadde Roomee Abrahaam gamasaaniitiin, paartii faayidaa waliigala biyyattiitiif ni mijata jedhaniif sagalee isaanii kennuu dubbataniiru.


Magaalaa Ambootti, buufata filannoo Amboo tokko jalatti buufataalee filannoo 42n argaman hunduma keessatti, raawwachiistonni filannoo fi taajjabdoonni argamanii adeemsi kenninsa sagalee gaggeeffamaa jira.


Ummanni filataanis mirga isaatti fayyadamuuf halkan ka'ee buufataalee filannootti argamuun sagalee isaa kennaa jira.


Haaluma walfakkaatuun, Magaalaa Naqamteetti Buufata Filannoo Addabaabaayii Masqalaatti adeemsi kenniinsa sagalee Filannoo Waliigalaa 7ffaa ganama sa'aatii 12:00 irraa jalqabee gaggeeffamaa jira.


Adeemsa kanaanis, raawwachiistonni filannoo fi taajjabdoonni bakka argamanitti ummanni filataan sagalee isaa kennaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015