Tamsaasa Kallatti:

Paartii bakka nu bu’a jennu karaa demokiraatawaatiin filanneerra-dargaggoota magaalaa Shaggar

Caamsaa 24/2018 (ENA)- Filannoo biyyaalessaa 7ffaatiin Paartii siyaasaa bakka nu bu’a jedhanii amanan karaa demokiraatawaatiin filachuusaanii dargaggoonni magaalaa Shaggar ibsan.

Filattoota keessaa Baaroo Xilahuun fi Gammachiis Sambatoo akka ibsanitti, filannoo walii galaa kanarratti hirmaachuuf jalqabarraa eegalee qophii barbaachisaa gochaa turaniiru.

Karaa wal fakkaatuun kantiibaan kutaa magaalaa Burraayyuu obbo Abaataa Asraat buufata filannootti argamuun kan filatan yoo ta’u, gaggeessaa ofii karaa demokiraatawaa filachuun qaroomina ta’uu ibsaniiruu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015