Tamsaasa Kallatti:

Ganamaan baanee paartii nuuf wayya jenneef sagalee keenya kennineerra – Jiraattota Magaalaa Robee, Aanaa Sinanaa fi Magaalaa Mattuu

Caamsaa 24/2018 (ENA): Jiraattonni Godina Baalee Magaalaa Robee, Aanaa Sinanaa fi Magaalaa Mattuu ganamaan buufataalee filannoo irratti argamuun paartii nuuf wayya jedhaniif sagalee isaanii kennuusaanii ibsaniiru.

Jiraattonni kun dabaluudhaanis adeemsi kenninsa sagalee nagaa fi dimokiraasii kan qabu ta'uu eeraniiru.

Aanaa Sinanaa irraa yaada isaanii kan kennan Obbo Xaasoo Tulluu; ganamaan ka'anii buufata filannootti argamuun paartii barbaadaniif bilisummaadhaan sagalee kennuu isaanii dubbataniiru.

Jiraattuun Magaalaa Robee Aadde Alfiyyaa Abdullaziiz gama isaaniitiin; filannoon agarsiiftuu hirmaannaa dimokiraasii lammiilee ta'uu caqasuun, ganamaan ba'anii paartii biyyaaf fayyada jedhan filachuu isaanii ibsaniiru.

Ganamaan buufata filannoo kaardii itti fudhannetti argamuun mirga dimokiraasii keenya fayyadamnee paartii biyya ceesisa jenne filachuu dandeenyeerra kan jedhan immoo Aadde Muluu Hulluqaa ti.

Godina Baalee keessatti naannolee filannoo shan jalatti buufataalee filannoo gurmaa'an hunda keessatti adeemsi sagalee kenninsaa ganama sa'aatii 12:00 eegalee gaggeeffamaa jira.

Adeemsi sagalee kenninsichaa nagaa fi bilisa; sagalee keenyas qaama itti amanneetiif kennineerra jedhaniiru filattoonni jalqabaa Magaalaa Mattuu.

Filattoonni jalqabaa ENA'n haasofsiise adeemsichi nagaa fi bilisa ta'uu isaa fi sagalee isaaniis ni ta'a jedhanii qaama itti amananitti kennuu ibsaniiru.

Filannichaan buufata filannootti argamuun sagalee jalqabaa kan kennan Obbo Danyee Tashoomaa, adeemsi kenninsa sagalee guyyaa har'aa guutummaatti haala nagaa qabu keessatti kan gaggeeffamaa jiru ta'uu dubbataniiru.

Jiraattonni biroon dursaanii sagalee isaanii kan kennan Obbo Faqqadaa Bariisoo fi Obbo Abbaa-Salaam Mahaammad gama isaaniitiin adeemsi waligalaa bilisaa fi nagaa ta'uu caqasuun, kunis adeemsa filannoo darbe irraa haala hedduun kan wayyu ta'uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015