Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Magaalaa Giincii Naannoo Filannoo Dandii 2tti sagalee kennan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Magaalaa Giincii Naannoo Filannoo Dandii 2tti sagalee kennan
Caamsaa 24/2018 (ENA): Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti naannoo filannoo Dandii 2 jalatti buufata filannoo Abiyoot Adda babaayi bakka wal gahii ummataatti argamuun sagalee isaanii kennaniiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan Itiyoophiyaanonni naannolee biyyattii garaa garaa keessatti buufataalee filannoo kaardii itti fudhatanitti argamuun ganamaa jalqabanii sagalee isaanii kennaa jiru.