Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee ganamaan sagalee kennan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee ganamaan sagalee kennan
Caamsaa 24/2018 (ENA): Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee naannoo filannoo Adaamaa lakkoofsa tokko buufata filannoo Bakalchaa bariitti argamuun sagalee isaanii kennaniiru.
Kantiibaan kun yaada kennaniin, jiraattonni magaalattii qorri ganamaa utuu isaan hin daangessin sagalee isaanii kennuuf hedduumminaan waan ba'aniif galatni guddaan isaaniif mala jedhaniiru.
Buufata filannichatti cichoominnii fi hawwiin filachuu uummata filataa biratti mul'ate baay'ee kan nama dinqisiisudha jedhaniru.
Aangoon siyaasaa kan murtaa'u filannoo fi filannoo qofaan ta'uu kan ibsan kantiibaan kun; bilisummaa, qixxummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf karaan dursa filannoo ta'uu hubachiisaniiru.