Tamsaasa Kallatti:

Ganamaan ba'ee sagalee kanin kenne biyya kooti ifi dhaloota boruutiif waan wayyu waaniin hawwuufi - maanguddoo waggaa 80 Obbo Fiqaaduu Mokonnon

Caamsaa 24/2018 (ENA) -Ganamaan ba'ee kanan filadheef biyya kootii fi dhaloota boruutiif waan wayyu waaniin hawwuuf jedhan maanguddoon waggaa 80 Obbo Fiqaaduu Mokonnon.

Rippoortaroonni ENA Magaalota Jimmaa fi Cirootti adeemsa kenninsa sagalee filannoo waliigalaa ganama sa'aatii 12:00 eegalamuu isaa daawwataniiru.

Magaalaa Jimmaatti buufata filannoo Mana barnootaa Daa'immanii Hirmaata, Ganda Saxxoo Samaroo Kaatiroobeedii fi buufataalee filannoo biroottis filattoonni sagalee isaanii kennaa jiru.

Ganamaan buufata filannoo Mana barnoota Daa'immanii Hirmaatatti argamuun kan filatan maanguddoon waggaa 80 Obbo Fiqaaduu Mokonnon; Sagaleen koo gatii akka qabu waanan beekuuf ganama sa'aatii 11:00tti manaa ba'ee argameera jedhan.

Maanguddoon kun dabaluudhaas, adeemsi kenninsaa sagalee baay'ee ariifataa fi gaarii waan tureef gammaduu isaanii ibsuun; Umrii koo kanaan ganamaan ba'ee kanan filadheef biyya kootii fi dhaloota boruutiif waan wayyu waanan hawwuufi jedhaniiru.

Jiraattuun magaalichaa kan biraan Aaddee Amiidaa Abbaa Lulleessaa gama isaaniitiin, miidhamni qaamaa sagalee kennuu irraa akka isaan hin dhorkine ibsaniiru.

Yeroo buufata filannichaa gahan dursi kennameefii sagalee isaanii kennuu kan ibsan Aaddee Amiidaan, adeemsichi baay'ee nagaa akka turee fi ijaarsa sirna mootummaatiif faayidaa filannoon qabu hubachuun sagalee isaanii gumaachuu dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun buufata Filannoo Boosaa Kittoo Fayyaatti argamuun kan filatan Aaddee Alamituu Kabbadaa fi Obbo Sisaay Diggaa guyyaan har'aa kun hamma gahuun hawwiin eegaa turre jedhaniiru.

Jiraattonni Magaalaa Ciroos qaama barbaadaniif sagalee isaanii kennuu ibsaniiru.

Buufata Filannoo Ifa Misoomaa tokkotti utuu sagalee kennanii kan argine Obbo Mahaammad Ahimad, qaama waggoota shan dhufaniif qaama nu gaggeessa jedhaniif sagalee isaanii bilisummaan kennuu ibsaniiru.

Filannoon carraa egeree biyyaa kan murteessudha kan jedhan Obbo Mahaammad, mirga dimookiraasii isaaniitti fayyadamanii sagalee kennuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka itti dhaga'ame dubbataniiru.

Gana barii ba'anii qaama barbaadanii fi itti amanan yeroon filachuun mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuu kan ibsan immoo yaada kennituu biraa Aaddee Aayishaa Abdulahiidha.

Sagaleen tokko gatii akka qabu hubachuun yeroon sagalee kennuuf akka dhufan ibsaniiru.

Yaada kennaan biraa Sheek Hasan Abdullaahii gama isaaniitiin, Qaama na geggeessa, naa ta'a jedhuuf bilisummaan sagalee kennuu kootiif nan gammada jedhaniiru.

Naannoo Filannoo Ciroo tokko jala kan jiran buufataalee filannootti adeemsi kenninsa sagalee haala si’ataa ta'een gaggeeffamaa akka jiru naannoo filannichaa irraa hubachuun danda'ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015