Ganamaan kaanee sagalee keenya kennuun mirga demokiraasii keenyatti fayyadamneerra-Godina Jimmaatti jiraattota magaalaa Shabee - ENA Afaan Oromoo
Ganamaan kaanee sagalee keenya kennuun mirga demokiraasii keenyatti fayyadamneerra-Godina Jimmaatti jiraattota magaalaa Shabee
Caamsaa 24/2018(ENA)- Ganamaan kaanee sagalee keenya kennuun mirga demokiraasii keenyatti fayyadamneerra jedhan jiraattonni Godina Jimmaa magaalaa Shabee.
Har’a Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamaa kan jiru filannoo walii galaa torbaffaatiin filattoonni godina Jimmaa aanaa Shabee Somboo magaalaa Shabee ganamaan bahanii buufata filannootti argamanii sagalee kennaa jiru.
Jiraataan magaalaa Shabee Mahaammad Adam sagalee erga kennanii booda yaada kennaniin, adeemsichi si’ataa ta’uu dubbataniiru.
Haala Kanaan ganamaan bahanii qama guddina biyyaaf nihojjeta jedhaniif sagalee kennuusaanii dubbataniiru.
Jiraataan magaalichaa obbo Kaasahuun Makuraa gamasaaniin, demokiraasiin biyyaa akka gabbatu filannoon murteessaa waan ta’eef ganamaan bahanii sagalee akka kennan ibsaniiru.
Lammiin hundi sagalee kennuun mirga demokiraasii isaa akka mirkaneessu ergaa dabarsaniiru.
Dhimmi biyyaa na ilaallata yaadama jedhuun karaa demokiraasii sagalee kennuusaa kan ibse ammoo dargaggoo Abdii Awwali.