Filannoo waliigalaa 7ffaa magaalota Gimbii, Amboo fi Naqamtee keessatti adeemsi sagalee kennuuu gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Filannoo waliigalaa 7ffaa magaalota Gimbii, Amboo fi Naqamtee keessatti adeemsi sagalee kennuuu gaggeeffamaa jira
Caamsaa 24/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee Magaalota Gimbii, Amboo fi Naqamtee keessatti sagalee kennuun gaggeeffamaa jira.
Filattoonni magaalaa Gimbii ganama irraa eegalee buufataalee filannoo naannoo isaaniitti argamanitti sagalee isaanii kennaa jiru.
Obbo Oljirraa Tasgaraa jiraataa magaalaa Gimbii yoo ta’an, ganama barii bahanii sagalee isaanii akka kennan ibsaniiru.
Yaada kennituu kan biraa aadde Roomee Abrahaam jiraattuu magaalaa Gimbii kan ta’an paartii dantaa waliigalaa biyyattii tajaajila jedhanii amananiif sagalee isaanii kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Naannawa filannoo Amboo Tokko Magaalaa Amboo bakka qondaaltonni filannoo fi taajjabdoonni argamanitti sagalee kennuun gaggeeffamaa jira.
Filattoonnis halkan bahuun buufata filannootti argamuun mirga filachuu isaaniitti fayyadamaa jiru.
Haaluma walfakkaatuun Magaalaa Naqamteettis buufanni filannoo Addabaabayii Masqalaatti filannoo waliigalaa 7ffaa ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee adeemsi sagalee kennuu adeemsifamaa jira.
Filattoonnis bakka qondaaltonni filannoo fi taajjabdoonni argamanitti sagalee isaanii kennaa jiru.
# Filannoo qofaan# #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA# Itiyoophiyaan filachaa jirti#