Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii sagalee kennan

Caamsaa 24/2018 (ENA)-Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badrii Magaalaa Harar keessatti Buufata Filannoo Geey Madrasaa Lakkoofsa 1tti argamuun sagalee isaanii kennaniiru.

Pirezidantiin naannichaa Ordiin Badrii Magaalaa Harar keessatti Buufata Filannoo Geey Madrasaa Lakkoofsa 1tti argamuun sagalee isaanii kan kennan yoo ta'u, filannoo waliigalaa 7ffaaf lammiilee miiliyoona 54 ol ta'an sagalee kennuuf kan galmaa'an yoo ta’u, har'as ganama sa'aatii 12:00 irraa kaasee sagalee kennuun gaggeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015