Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Adeemsi Sagalee Kennuu Filannoo Waliigalaa 7ffaa Eegalameera

Caamsaa 24/2018 (ENA): Naannoo Harariitti adeemsi sagalee kennuu ganama sa'aatii 12:00 irraa jalqabee eegalameera.

Naannichatti filannoon waliigalaa 7ffaa naannoo filannoo sadiitti buufataalee filannoo 296 keessatti adeemsi sagalee kennuu jalqabameera.


Uummanni filatus buufataalee filannoo qophaa'anitti argamuun qaama bakka na bu'a jedhuuf sagalee kennaa jira.

Gazexeessaan ENA magaalichatti keessattuu naannoo Addaa fi Idilee Jagoolitti argamuun adeemsa sagalee kennuu kana daawwateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015