Finfinneetti Filattoonni sagalee kennaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti Filattoonni sagalee kennaa jiru
Caamsaa 24/2018 (ENA): Finfinneetti ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee adeemsi sagalee kennuu jalqabameera.
Filannoon Waliigalaa 7ffaan har'a Wiixata, Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu ni beekama.
Guyyaa kanas filattoonni kaardii filannoo fudhatan miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 ta'an, qaama biyyaafi uummataaf ni fayyada jedhanii amanan ni filatu jedhamee eegama.
Rippoortarri ENA Kutaa Magaalaa Lidataa Aanaa 8 Buufata Filannoo Jeneraal Jaagamaa Keellootti argamuun daawwannaa taasiseera.
Kanaanis, raawwachiistonnii fi taajjabdoonni filannichaa saanduqni filannoo kan hin banamne ta'uu isaa fi sanadoonni sirriitti guutamuu isaanii mirkaneessuun qaboo yaa’ii mallatteessanii sagalee kennuun eegalameera.