Filattoonni filannoo waliigalaa torbaffaa irratti sagalee isaanii kennuu jalqabani - ENA Afaan Oromoo
Filattoonni filannoo waliigalaa torbaffaa irratti sagalee isaanii kennuu jalqabani
Caamsaa 24/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti filattootni sagalee kennuu jalqabaniiru.
Filannoo kana gaggeessuuf meeshaalee dhiyeessuu dabalatee hojiileen qophii kaleessa buufataalee filannoo naannoo filannoo adda addaa jala jiran irratti raawwatamuun isaa ni beekama.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filattootni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 filachuuf galmaa’uu beeksisuun isaa ni yaadatama.