Tamsaasa Kallatti:

Filattoonni ganamaan  ka’anii sagaleesaanii kennuudhaaf eeggachaa jiru

Caamsaa 24/2018 (ENA): Filannoo walii galaa 7ffaaf  filattoonni ganamaan ka’anii sagalee kennuudhaaf eeggachaa jiru.

Filannon walii galaa 7ffaan  har’a Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffama.

Gaazexeessaan ENA kutaamagaalaa Lidataa Aanaa 8  buufata filannoo Jeneraal  Jaagamaa keellootti argamuun daawwateera.


 

Kanaanis raawwachiiftonni filannoo fi taajjabdoonni  saanduqni filannoo kan hin banamne ta’uu , sanadoonni sirriitti kan guutan ta’uu  mirkaneessuun  qaboo yaa’ii mallatteessaniiru.

Filattoonnis hiriiranii  eegaluu filannoo eeggachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015