Tamsaasa Kallatti:

Itti aantuun dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa fi Uhuruu Keeniyaataan qophii ergama taajjabbii filannoo irratti mari’atan

Caamsaa 23/2018 (ENA): Itti Aantuun Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Saalmaa Maaliikaa Hadaadii dura taa’aa garee Ergama taajjabbii Filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa waliin mari’ataniiru.

Mariin kun qophii filannoo waliigalaa torbaffaa fi gahee taajjabdoonni adeemsa iftoominaa fi dimokiraatawaa deeggaruu keessatti qaban irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Ergama adda addaa Gamtaa Afriikaa irrattis yaada wal jijjiiran jedha Gamtichi.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015