Boru ganama gara buufata filannoo deemnee mirga dimokiraasii keenyatti fayyadamuuf qophiidha - Jiraattota Magaalaa Ginchii - ENA Afaan Oromoo
Boru ganama gara buufata filannoo deemnee mirga dimokiraasii keenyatti fayyadamuuf qophiidha - Jiraattota Magaalaa Ginchii
Caamsaa 23/2018 (ENA): Jiraattonni Godina Shawaa Lixaa magaalaa Ginchii boru ganama gara buufata filannoo deemuun mirga dimokiraasii keenyatti fayyadamuuf qophii dha jedhani.
Jiraattonni magaalichaa yaada isaanii kennan paartii nuuf wayya jedhanii yaadan filachuuf hawwii guddaan eeggachaa akka jira dubbataniiru.
Haaluma kanaan mirga dimokraasii isaaniitti fayyadamuu fi dhaaba barbaadan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.
Namoota yaada kennan keessaa obbo Beellamaa Abdoo ganama barii ka'anii paartii barbaadaniif sagalee isaanii kennuuf qophii akka ta’an dubbataniiru.
Jiraataan magaalattii kan biraa obbo Galaanaa Dinqaa filannoon hirmaannaa dimokiraatawaa lammiilee ta’uu ibsuun, boru ganama sagalee kennuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Filannoo irratti paartii biyyaaf gaarii ta’a jedhanii yaadan filachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Obbo Mitikkuu Beekumaa akka jedhanitti boru ganama buufata filannoo kaardii irraa fudhatanitti sagalee kennuuf qophii ta’uu himani.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa torbaffaa baranaa irratti filattootni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 filachuuf galmaa’uu beeksiseera.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA