Tamsaasa Kallatti:

Meeshaaleen sagalee kennuuf oolan buufata filannoo lama naannoo filannoo Dandii keessatti raabsamaniiru

Caamsaa 23/2018 (ENA): Meeshaaleen sagalee kennuuf oolan naannoo filannoo Dadii keessatti buufataalee filannoo lamaaf raabsamuu isaanii itti gaafatamaan buufata filannoo naannichaa obbo Itichaa Lataan himaniiru.

Waraqaa filannoo, saanduqa filannoo fi meeshaalee adda addaa dabalatee galteewwan buufataalee filannoof barbaachisu raabsamuu himaniiru.

Raabsiin meeshaalee of eeggannoo fi nageenyaan kan raawwatame ta’uu fi buufata filannoof akka dhiyaatu taasifamuu eeraniiru.

Meeshaaleen sagalee kennuu sirnaan buufata filannoo ga’uu himaniiru.

Filannoon waliigalaa torbaffaan seenaa filannoo Itiyoophiyaa keessatti filattootni baay’een galmaa’an guyyaa boruu, Caamsaa 24, 2018 ni gaggeeffama.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015