Tamsaasa Kallatti:

Naannolee Filannoo Naqamteefi Gimbiitti meeshaaleen sagalee itti kennamu milkaa’inaan bakka isaa qaqqabuu himame

Caamsaa 23/2018 (ENA): Naannoleen filannoo Naqamtee fi Gimbiitti meeshaaleen boru sagalee itti kennan haala milkaa’ina qabuun bakka isaa qaqqabuu Qindeessitootni Naannoo Filannoo ibsaniiru.

Buufatni filannoo naannolee lamaan keessatti argaman meeshaalee filannootiin kan guutaman yoo ta’u, filattoota simachuuf qophiixumuraniiru.

Raabsi meeshaalee filannoo boru ganama sa'aatii 12:00 irratti buufata filannoo 108 Naannoo Filannoo Naqamtee jalatti gaggeeffamuuf xumuramuu isaa gabaafameera.

Naanno filannoo kana keessatti walumaa galatti filattootni 135,335 ni filatu jedhamee eegama jedhameera.

Akka Itti Gaafatamaan buufata filannoo sanaa obbo Bilisummaa Afataa himanitti buufataalee naannoo filannoo jala jiran keessaa hawaasni bilisaan sagalee isaa akka laatuuf qophiin teessoo filattotaa, buufata filannoo fi bakka sagalee kennuu xumurameera jedhani.

Hogganaan buufata filannoo kan biraa obbo Kabbadaa Fufaa, filattootni rakkina tokko malee sagalee isaanii akka laataniif qophiin xumuramuu isaa mirkaneessaniiru.

Haaluma walfakkaatuun filannoo waliigalaa 7ffaa naannoo Gimbiitti gaggeeffamuuf filattoota keessummeessuuf buufata filannoo 84 irratti qophiin barbaachisaan taasifamuu isaa qindeessaan naannichaa obbo Kabbadaa Baqqalaa himaniiru.

Akka qindeessaan kun jedhanitti, meeshaaleen sagalee kennuuf barbaachisanii fi adeemsichi milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf murteessoo ta’anis buufataalee filannoof raabsamaniiru.

Bakka bu’aan buufata filannoo Horoo naannoo sana jiru obbo Masgabuu Fiqaaduu akka himanitti, meeshaaleenii fi dunkaanni filannoo boruu gaggeeffamuuf qophaa’anii xumuramuu isaanii mirkaneessaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015