Paartii faayidaa biyyaa fi ummataaf hojjatu filanna - jiraattota Magaalaa Finfinnee - ENA Afaan Oromoo
Paartii faayidaa biyyaa fi ummataaf hojjatu filanna - jiraattota Magaalaa Finfinnee
Caamsaa 23/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee boru paartii faayidaa biyyaa fi ummataaf hojjatu filanna jedhaniiru.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENA’f kennan akka himanitti, Filannoo waliigalaa torbaffaa boru gaggeeffamu irratti paartii naaf wayya jedhanii yaadan filachuuf qophoofneerra jedhani.
Boru ganama filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffamuuf sagalee kennuudhaan paartii faayidaa biyyaafi ummataaf hojjatu filanna jedhaniiru.
Namoota yaada kennan keessaa Kaamiil Ahmaddiin kaardii filannoo isaanii karaa sirna dijitaalaa kanaan dura argachuu isaanii dubbachuun, filannoo boru ganama buufata filannootti gaggeeffamu irratti sagalee kennuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru.
Filannoon osoo hin xumuramin dura falmiin filannoo paartileen waldorgoman miidiyaalee adda addaa irratti gaggeessaa turan, guddina biyyattii itti fufiinsa qabuuf eenyu akka hojjetu adda baasuuf nu gargaareera jedhan.
Kanaaf anis paartii biyyaaf ummata fayyadu filachuuf qophaa’eera jedhani.
Yaada kennaan kan biraa Masfin Gazzahaanyi gama isaaniin akka himanitti, ijaarsa naannichaa keessatti gahee isaanii bahachuuf waraqaa filannoo fudhachuu irraa eegalee dursanii qophaa’uu dubbatu.
Haaluma kanaan Paartii misooma biyyaa fayyada jedhanii amanan filachuuf qophii ta'uu ibsaniiru.
Yaada isaanii ENA’f kan kennan Daawit Dubbaalee waraqaa filannoo fudhatan qabatanii boru ganama filachuuf buufata filannootti argamuun filachuuf hawwii guddaan eegaa jiraachuu himani.
Yaada kennaan biraa Taaddasaa Birhaanuu boru ganama sagalee kennuuf qophii ta'uu dubbataniiru.
Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een filannoo waliigalaa torbaffaan boru Caamsaa 24, 2018 ni gaggeeffama.