Tamsaasa Kallatti:

Uhuruu Keeniyaataan qophii filannoo walii galaa ilaalchisuun dippilomaatota Afriikaa waliin mari’atan

Caamsaa 23/2018 (ENA)- Pirezidaantiin Keeniyaa duraanii fi gaggeessaan jila olaanaa taajjabdoota filannoo gamtaa Afriikaa Uhuruu Keeniyaataan qophii filannoo walii galaa ilaalchisuun dippilomaatota Afriikaa Finfinneetti argaman waliin mari’ataniiru.

Mariin kun filannoo walii galaa milkaa’aa gochuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uu gamtaan Afriikaa ibseera.

Gamtichi adeemsa seena qabeessa kanaaf garee taajjabaa miseensota 37 of keessaa qabu kan biyyoota Afriikaa 37 irraa walitti dhufan bobbaaseera.

Gaggeessitoonni hawaasa siviilii, dhimmamtoota mirga namoomaa fi ogeeyyonni filannoo jila kana keessatti kan hammataman yoo ta’u, fo’annoon kunis xiyyeeffannoo gamtichi hammattummaa fi sirna saalaaf kenne ni agarsiisa.

Taajjabdoota keessaa harki 61 dubartoota.

Gareen taajjabaa kun guyyaa sagaleen kennamu dursuun hojiiwwan qophii boqonnaa xumuraa mootummaa Itiyoophiyaa fi boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaan hojjetaman gamaaggamaa tureera.

Filannoo walii galaa filattoonni miiliyoona 54 caalan filachuuf galmaa’an kun imala demokiraatawaa biyyattii kan guddisu boqonnaa isa guddaa godhamee fudhatameera.

Filannoon walii galaa 7ffaa boru kan gaggeeffamu yoo ta’u boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa qophiilee barbaachisan hunda xumuruusaa ifoomseera.

Jilli Uhuruu Keeniyaataan durfamu kun adeemsa filannichaa iftoominaan, haqa qabeessummaa fi amanamummaan taajjabuuf guutuu biyyattiitti bobba’eera.

Taajjabdoonni gamtaa Afriikaa argamuunsaanii Ardittiin adeemsota demokiraatawaa ofiishee irratti shoora qabdu kan agarsiisudha.

Ergamni kun demokiraasii Afriikaa keessatti kan mul’ate jijjiirama caaseffamaa isa guddaadha, dhaabbileen akka gamtaa Afriikaa biyyoota miseensotaa keessatti filannoo gamaaggamuunii fi cimsuudhaan dursa fudhachaa akka jiran mirkaneessa.

Hojmaannisaa Afriikaa keessatti abbummaa filannoo kan mirkaneessu, amanamummaa dhaabbilee kan ijaarudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015