Filannoo walii galaa torbaffaan sagalee kennuuf qophoofneerra jechuun Qaama Miidhamtoota ibsan - ENA Afaan Oromoo
Filannoo walii galaa torbaffaan sagalee kennuuf qophoofneerra jechuun Qaama Miidhamtoota ibsan
Caamsaa 23/2018 (ENA): Qaama miidhamtoonni magaalaa Harar keessa jiraatan, filannoo waliigalaa torbaffaa boru gaggeeffamurratti sagalee kennuuf eeggachaa akka jiran dubbatan.
Buufataalee filannoo qaama miidhamtootaaf mijataa gochuu fi raawwachiiftotaaf hubannoo uumuu irratti hojjetameera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaas qaama miidhamtoonni gufannaa tokko malee sagalee akka kennan kan dandeessisan qajeelfamootaa fi hojmaatota diriirseera.
Magaalaa Hararitti namoota dubbisne keessaa Shimallis Shifarraa, qaroo dabuun utuu na hin daangeessin mirga filachuu heeran kenname fayyadamuun kaardii filannoo dursee fudhachuu isaa dubbateera.
Keessattuu, Paartii mirga qaama miidhamtootaa ni kabachiisa, fayyadamummaa isaaniis ni mirkaneessa jedhee amanu nan filadha jechuun dubbateera.
Adeamsa filannoo kan baranaa keessatti hirmaannaa qaama miidhamtootaaf xiyyeeffannoon addaa kennamuu isaatti baay'ee akka gammadan kan ibsan ammoo jiraataa magaalichaa biraa Obbo Imiraan Ahimadi dha.
Kunis hirmaannaa qaama miidhamtootaa mirkaneessuuf agarsiiftuun tokko ta'uu eeranii, boru ganamaan ka'anii paartii nu fayyada jedhan filachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru.
Jiraataan hundi ba'ee akka filatus dhaamsa dabarsaniiru.