Kaardii keenyaan qaama nufayyadu filachuuf guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa jirra – Jiraattota Magaalaa Shaashamannee - ENA Afaan Oromoo
Kaardii keenyaan qaama nufayyadu filachuuf guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa jirra – Jiraattota Magaalaa Shaashamannee
Caamsaa 23/2018 (ENA): Jiraatonni Magaalaa Shaashamannee kaardii filannoo fudhataniin paartii ni fayyada jedhan filachuuf guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa akka jiran ibsaniiru.
Sirni kenninsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa boru, Caamsaa 24 bara 2018 ni gaggeeffama.
Kanaan walqabatee jiraattonni magaalaa Shaashamannee yaada isaanii ENA’f kennan; mirga lammummaa isaanii fayyadamuu fi paartii barbaadan filachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru.
Yaada kennitoota keessaa Obbo Absaar Jaabiir akka ibsanitti; kaardii filannoo isaanii yeroon fudhatanii qophaa'aa akka turanii fi borus ganamaan ka'anii buufata filannootti argamuun sagalee kennuuf eeggachaa jiru.
Jiraattuun magaalichaa biraan Aadde Zayituunaa Huseen gama isaaniitiin; kaardii filachuuf isaan dandeessisu guyyoota galmee jalqabaa akka fudhatan yaadachiisaniiru.
Guyyaa boruus dursanii buufata filannootti argamuun paartii barbaadan akka filatan eeraniiru.
Dargaggoo Geetuu Mitikkee gama isaatiin; boru ganama buufata filannootti argamuun paartii biyyaaf ni fayyada jedhuuf sagalee isaa akka kennu dubbateera.