Kaardii filannoo fudhanneen qaama biyyaaf ta'u filachuuf guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa jirra - ENA Afaan Oromoo
Kaardii filannoo fudhanneen qaama biyyaaf ta'u filachuuf guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa jirra
Caamsaa 23/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa, Jiraattonni magaalaa Ejeree kaardii filannoo fudhataniin paartii biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa akka jiran ibsan.
Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan namoonni miiliyona 54 fi kuma 57 fi 861 filachuuf akka galmaa’an Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Jiraattonni magaalaa Ejeree ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, paartileen siyaasaa yeroo duula filannootti ergaawwan dabarsaniin hubannoo gahaa akka argatan dubbataniiru.
Kanaan walqabatee, mirga dimookiraasii isaanii sirnaan fayyadamuuf boru ganamaan ka'anii paartii barbaadan filachuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru.
Jiraattota magaalaa yaada isaanii kennan keessaa Obbo Darajjee Haayiluu yaada kennaniin akka jedhanitti, kaardii filannoo isaanii dursanii fudhachuu isaanii caqasanii guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa jiru.
Obbo Tafarraa Tarreessaa gama isaaniitiin, filannoon hirmaannaa dimookiraasii lammiilee ta'uu ibsuun, boru ganama ba'anii sagalee kennuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru.
Jiraattuun magaalichaa biroon aadde Muluu Fuufaa ammoo ganamaan ka’anii sagalee isaanii kennuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru.