Tamsaasa Kallatti:

Qaama biyyaaf ta'a jennuuf sagalee kennuuf qophoofneerra – Jiraattota Magaalaa Adaamaa

Caamsaa 23/2018 (ENA): Jiraattonni Magaalaa Adaamaa yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, filannoo waliigalaa torbaffaa boru gaggeeffamurratti qaama biyyaaf ni fayyada jedhanii amananif sagalee kennuuf qophoofneerra jechuun ibsaniiru.

Yaada kennitoota keessaa tokko kan ta'an Obbo Fu'aad Nagaash, filannoo waliigalaa 7ffaa kanarratti hirmaachuuf dursanii kaardii filannoo fudhatanii qophaa'uu isaanii dubbataniiru.

Obbo Fu'aad, qaama bakka nuuf bu'uu fi biyyaaf ni fayyada jedhu filachuuf qophaa’eera jechuun, kanaanis qaama barbaadan kaardii isaaniitiin akka murteessan ibsaniiru.

Kaardii isaaniitiin qaama filatan murteessuudhaan fedhii isaanii dhugoomsuuf akka hojjetanis dubbataniiru.

Jiraataan magaalichaa biraan Obbo Sisaay Ibsaa gama isaaniitiin, qaama biyyaaf ta’u filachuudhaaf guyyaa boruu hawwii guddaan eeggachaa akka jiran dubbataniiru.

Guyyaa boruu filannoo gaggeeffamurratti paartii nu fayyada jedhan bilisummaa fi karaa dimookiraatawaa ta'een filachuuf eeggachaa akka jiran ibsaniiru.

Yaada kennituun biraan Aadde Immabeet Taaddasaa gama isaaniitiin, filannicharratti hirmaachuu fi sagalee kennuuf kaardii isaanii qopheessanii guyyaa boruu eeggachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dargaggoo Jawaar Obsee ammoo, boru paartii dargaggoota fayyadu filachuuf qophaa'uu isaa himuun, qaama biyyaaf ni fayyada jedhuuf sagalee koo nan kenna jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015