Mirga demokiraasii keenya filannicharratti fayyadamuuf qophoofneerra-jiraattota magaalaa Shabee - ENA Afaan Oromoo
Mirga demokiraasii keenya filannicharratti fayyadamuuf qophoofneerra-jiraattota magaalaa Shabee
Caamsaa 23/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa godina jimmaatti jiraattonni magaalaa Shabee buufataalee filannoorratti argamuun mirga demokiraasii isaanii filannicharratti fayyadamuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Filannoon walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan boru Wixata 24 bara 2018 barii sa’aatii 12 irraa eegalee guutuu biyyaatti ni gaggeeffama.
Naannoo Oromiyaa godina Jimmaa aanaa Shabee Sombootti jiraattonni magaalaa Shabee ENA’n dubbise filannoo walii galaa 7ffaaf qophii taasisaa turuusaanii fi boru barii buufata filannootti argamuun mirga demokiraasii isaaniitti fayyadamuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Kanneen yaada kennan keessaa jirataan magaalichaa obbo Seefuu Abbaa Bulguu akka dubbatanitti, kaardii filannoo yeroon fudhatanii qophii taasisaa turuu ibsanii, boru bariin bahanii dirqama lammummaasaanii akka bahan dubbataniiru.
Dargaggoo Abdusamad Hayilee gamasaaniin, filannichi naaf ta’a nama jennu filachuuf carraa waan kennuuf guyyaa kana hawwiin eeggachaa akka jiru ibseera.
Filannichi karaa nagaa fi demokiraatawaan akka xumuramu qoodasaa akka bahu dubbateera.
Jiraataan magaalichaa kan biraan Gaalii Kadir akka jedhetti, paartii siyaasaa biyyaa fi guddina naannawaaf ni hojjeta jedhan walabummaan filachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Bariin bahanii paartii naaf mala jedhaniif sagaleesaanii kennuuf qophaa’uusaanii kan mirkaneessan ammoo Ayishaa Abbaa Duraati.