Tamsaasa Kallatti:

Buufataaleen filannoo godina Baalee bakka garagaraatti maalirra akka jiran bakkatti argamnee taajjabuu eegalleerra-Miseensota waldaalee Siviikii

Caamsaa 23/2018 (ENA)- Buufataaleen filannoo naannoo Oromiyaa godina Baalee bakka garagaraatti maalirra akka jiran bakkatti argamanii taajjabaa akka jiran miseensonni waldaalee Siviikii fi taajjabdoonni ibsan.

Meeshaaleen filannoo buufataalee hundatti guutamuusaanii akkasumas haal-dureewwan sagalee kennuuf gargaaran akkaataa seeraatiin gaggeeffamaa akka jiran taajjabuusaanii ibsaniiru.

Magaalaa Roobeetti taajjabaan buufata filannoo kutaa magaalaa Gobbaa buufata iddirii obbo Damisee Baqqalaa yaada kennaniin, meeshaaleen filannoof gargaaran guutamuusaanii akka taajjaban dubbataniiru.

Taajjabbii amma ammaatti jiruun adeemsi jiru naga qabeessa, ifaa fi seera hordofuun itti fufuusaa dubbataniiru.

Meeshaaleen filannoof gargaaran buufataalee keessatti guutamuusaanii fi filattoota eegaa akka jiran taajjabuusaanii  kan ibsan ammo kutaa magaalichaatti buufata filannoo Urjii Bariisaatti taajjabaa kan jiran obbo Biraanuu Addunyaati.

Hojiin hundi akkaataa yeroo boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een itti fufaa akka jiru mirkaneessuusaanii ibsaniiru.

Magaalaa Roobeetti qindeessaa buufata filannoo ganda Caffee Horaa obbo Faqii Hajji Kadir akka jedhanitti, meeshaan filannoo yeroon qaqqabuusaanii fi qophiin barbaachisu taasifamuu ibsaniiru.

Hogganaan buufata filannoo kan biroo obbo Tamasgeen Dhufeeraa gamasaaniin, meeshaaleen filannoof barbaachisan guutamuusaanii fi raawwachiiftonnii taajjabdoonni filannoo ramadaman sirnaan hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatti qindeessaan naannoo filannoo Sinaanaa obbo Tashoomaa Asaffaa akka ibsanitti, buufataalee filannoo naannoo filannichaa jala jiran 106’f meeshaan filannoo raabsamee xumuramuu eeraniiru.

Buufataalee filannoo hundatti taajjabdoota guutummaatti ramaduun hojiitti galamuu yaadachiisaniiru.

Miseensonni waldaalee siviikii beekamtii qabanii fi taajjabdoonni paartileen siyaasaa garagaraa bakka bu’an walabummaan taajjabaa akka jiran qindeessichi eeraniiru.

Godina Baaleetti kan argaman buufataalee filannoo hundatti taajjabdoonni guutummaatti hojiirratti akka argamanii fi haala walii galaa taajjabuu itti fufuu isaanii beekuun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015