Paartii Siyaasaa nu fayyada jennuuf sagalee kennuuf qophoofneerra – jiraattota Magaalaa Shaggar - ENA Afaan Oromoo
Paartii Siyaasaa nu fayyada jennuuf sagalee kennuuf qophoofneerra – jiraattota Magaalaa Shaggar
Caamsaa 23/2018(ENA)- Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Ekkaa Xaafootti jiraattonni filannoo walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaa irratti kaardii filannoo fudhataniin paartii siyaasaa nuuf wayya jedhaniif sagalee kennuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru.
Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa torbaffaan wixata boruu Caamsaa 24 bara 2018 ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee guutuu biyyattiitti ni gaggeeffama.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan sagalee kennuuf namoonni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 akka galmaa’an beksiseera.
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Ekkaa Xaafootti namoonni yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti; filannoon meeshaa ijaarsa sirna dimokiraasii fi siyaasa bilchaataa biyya tokkooti.
Haaluma kanaan, boru Wiixata caamsaa 24 ganamaan buufatalee filannoo adda addaatti argamuudhaan mirga dimokiraasii isaanii fayyadamanii paartii isaaniif ta'uuf sagalee akka kennan mirkaneessaniiru.
Jiraattuun kutaa magaalichaa Soofiyaa Ahimad; filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan sagalee kennuu kan isaan dandeessisu kaardii filannoo baafachuun guyyaa kana hawwiin eeggachaa jiraachuu ibsaniiru.
Jiraataan magaalaa biroon Yaasiin Mahaammad gama isaaniitiin, filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan sagalee kennuuf guyyaa kana hawwii guddaan eeggachaa jiraachuu isaanii kaasaniiru.
Adeemsa filannoo walii galaa kanaan kaardii filannoo fudhataniin guyyaa jedhame nan filadha kan jedhan ammoo jiraataa kutaa magaalaalichaa Shibbiruu Darajjee ti.
Itiyoophiyaanonnis filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan kaardii filannoo fudhatanitti fayyadamanii paartii nuuf wayya jedhaniif sagalee kennuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
Isayyaas Maamoo gama isaaniitiin, ganamaan bahanii kaardii filannoo fudhataniin paartii isaaniif mala jedhaniif sagalee kennuuf qophaa'uu isaanii mirkaneessaniiru.