Buufata Filannoo Saqqaa Coqorsaa naannoo filannoo lamatti filannoo waliigalaa 7ffaaf qophiin barbaachisaan xumurameera - ENA Afaan Oromoo
Buufata Filannoo Saqqaa Coqorsaa naannoo filannoo lamatti filannoo waliigalaa 7ffaaf qophiin barbaachisaan xumurameera
Caamsaa 23/2018(ENA)-Buufata Filannoo Saqqaa Coqorsaa Lammatti filannoo waliigalaa torbaffaa boru gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan xumuramuu isaa Itti gaafatamaan naannoo Filannichaa Obbo Buruuk Taarik ibsaniiru.
Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaatti, filannoon waliigalaa torbaffaan boru Wixata, Caamasaa 24 bara 2018 ni gaggeeffama.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa kanaaf qophii barbaachisu kan xumure yoo ta'u, lammiileenis guyyaa sagalee kennuu kana hawwiin eeggachaa jiru.
Itti gaafatamaan buufata Filannoo Saqqaa Coqorsaa Lammaffaa Obbo Buruuk Taarik ENA’f akka ibsanitti, naannoo filannichaa jalatti buufataleen filannoo 97tu argamu.
Buufatalee filannoo kanneen jalatti argaman hundaaf loojistiksii dabalatee qophiileen adeemsichaaf gargaaran hundi xumuramuu isaanii ibsaniiru.
Meeshaaleen adeemsa filannoo kanaaf murteessaa ta'an yeroonii fi of-eeggannoodhaan buufataalee filannootti raabsamuu isaanii mirkaneessaniiru.
Iddoowwan sagalee kenninsaas namoota qaama miidhamtootaa fi manguddootaaf ta'an tilmaama keessa kan galcheen qophaa'uu isaa beeksisaniiru.
Ummatni filataanis guyyaa filannichaa ganamaan buufatalee filannootti argamuudhaan mirga dimokiraasii isaa fayyadamee sagalee akka kennu ergaa dabarsaniiru.