Tamsaasa Kallatti:

Qophii Filannootiif barbaachisu xumurreerra – Raawwachiiftota Filannoo

Caamsaa23/2018(ENA):- Qophii filannoof barbaachisu guutummaatti xumurree,guyyaa sagalee kennuu eeggachaa jirra jedhan raawwachiiftonni filannoo buufata Filannoo Ciroo tokkoffaa jalatti argaman.

Buufanni naannoo Filannoo Ciroo tokkoffaa filannoo waliigalaa 7ffaa boru gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan guutummaatti xumuramuu isaa raawwachiiftonni buufataalee filannoo beeksisaniiru.

Gazzexeessaan ENA buufataalee filannoo Magaalichatti argaman kanneen akka Elemoo Qilxuu, Burqaa Ciroo, Naafyaadii fi Rifttii Vaalii irraa deddeemuun qophii dursaa adeemsa sagalee kennuutiif taasifame daawwateera.

Raawwachiiftonni buufataalee filannoo yaada kennaniin; saanduqa sagalee fi waraqaa filannoo dabalatee meeshaaleen filannoo adeemsichaaf barbaachisan guyyaa tokko dura guutamanii dhiyaachuu isaanii ibsaniiru.

Raawwachiisaa buufata filannoo Elemoo Qilxuu kan ta'an Obbo Taammiraat Dheeressaa fi Nuurii Abdallaa akka dubbatanitti, buufata filannichaatti haalli mijataan namoonni kaardii fudhatan sagalee isaanii itti kennan uumameera.

Adeemsa filannoo irratti leenjii ga’aa argachuu isaanii kan ibsan Obbo Addisuu Jaarraa fi Muddasiir Ahimad gama isaaniitiin, adeemsi kenninsa sagalee sirnaan gaggeessuuf guutummaatti qophaa'uu isaanii mirkaneessaniiru.

Raawwachiiftonni kunneen itti dabaluudhaan, uummatni filataan boru ganamarraa eegalee buufataalee filannootti argamuun mirga heera mootummaasaa akka fayyadamuu fi sagalee akka kennu waamicha dhiyeessaniiru.

Buufanni Filannoo Ciroo tokkoffaa kan Magaalaa Ciroo fi Aanaa Ciroo of keessatti hammatu, walumaagala buufataalee filannoo 120 akka qabu bekameera.

Adeemsa sagalee kennuu boru gaggeeffamu raawwachiisuuf raawwachiiftuun filannoo 720 ramadamuu isaanii waajjirri damee filannoo naannichaa beksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015