Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Filannoo Ejereetti meeshaaleen filannoo buufataalee filannoof raabsamaa jira

Caamsaa 23/2018(ENA) - Naannoo Filannoo Ejereetti meeshaaleen filannoo buufataalee filannoof raabsamaa jira.

Hoogganaan buufata filannichaa Gurmeessaa Madaqsaa, meeshaaleen filannoof gargaaran buufataalee filannoof raabsamaa akka jiran ENA’f ibsaniiru.

Waraqaaleen sagaleen itti kennaman, galmeen filattootaa, Korojoo dabalatee meeshaaleen barbaachisan biroon raabsamaa jiru jedhaniiru.

Seenaa filannoo Itiyoophiyaa keessatti filattoonni hedduun kan itti galmaa’an filannoon walii galaa torbaffaan boru Caamsaa 24 bara 2018 sagaleen ni kennama.

Filannoon walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan boru Wixata Caamsaa 24 bara 2018 barii sa’aatii 12 irraa eegalee ni gaggeeffafa.

Filannoo walii galaa torbaffaaf namoonni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 galmaa’uusaanii boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015