Adaamaa Naannoo Filannoo tokko, lamaa fi sadiitti meeshaan filannoo sagaleen ittiin kennamu raabsamee xumurameera - ENA Afaan Oromoo
Adaamaa Naannoo Filannoo tokko, lamaa fi sadiitti meeshaan filannoo sagaleen ittiin kennamu raabsamee xumurameera
Caamsaa 23/2018 (ENA)- Adaamaa Naannoo Filannoo tokko, lamaa fi sadiitti meeshaan filannoo sagaleen ittiin kennamu raabsamee xumuramuusaa qindeessitoonni naannoolee filannoo ibsan.
Buufataaleen filannoo mijataa akka ta’an hojjetamaa akka jirus beeksisaniru.
Qondeessaan Adaamaa naannoo filannoo tokkoo Dabalee Warquu buufataalee filannoo naannoo filannichaa jala jiran 202 keessatti meeshaan filannoof gargaaru raabsameera jedhaniiru.
Raabsiin meeshaa filannoo kun kaleessa xumuramuusaa kan dubbatan qindeessaan kun, haalli raabsii milkaa’aa akka ture ibsaniiru.
Qindeessaan Adaamaa naannoo Filannoo lamaa Mokonnon Sisaayi gamasaaniin, Adaamaa naannoo filannoo lamatti buufataaleen filannoo 115 akka jiran dubbataniiru.
Meeshaaleen filannoof gargaaran kaleessa raabsamanii xumuramaniiru jedhaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun Adaamaa naannoo filannoo sadiitti meeshaaleen filannoof gargaaran buufataalee filannoo 57 qaqqabuusaanii qindeessaan naannoo filannichaa Abbabaa Kamisoo ibsaniiru.
Buufataaleen filannoo naannolee filannoowwanii jala jiran filannoof mijeessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Akkaataa gabatee yeroo boordiin filannoo baaseen, filannoon walii galaa 7ffaa boru Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffama.