Dirree Dawaatti Meeshaaleen Filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dirree Dawaatti Meeshaaleen Filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa jira
Caamsaa 23/2018(ENA) - Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti meeshaaleen filannoo gara buufataalee filannootti raabsamaa jira.
Filannoo waliigalaa 7ffaa boru gaggeeffamuuf sagalee kennuuf qophiin guutuun taasifamaa akka jiru ni yaadatama.
Haaluma kanaan, bulchiinsichaatti meeshaaleen filannoo kaleessaa eegalee gara buufataalee filannootti raabsamaa jira.
Itti gaafatamaan Waajjira Boordii Filannoo Biyaalessaa Itiyoophiyaa Damee Dirree Dawaa Ziyaad Yaasiin Mahaammad; meeshaaleen filannoo buufataalee filannoo hundaan gahaa akka jiru ibsaniiru.
Meeshaaleen filannoo har'a guutummaatti buufataalee filannoo adda addaa bira ni gahu jedhaniiru.