Tamsaasa Kallatti:

Kaardii fudhachuun hirmaannaa agarsiifne sagalee kennuunis ni mirkaneessina– Dargaggoota Dirree Dawaa

Caamsaa 23/2018(ENA) - Dargaggoonni Bulchiinsa Dirree Dawaa, kaardii fudhachuun hirmaannaa agarsiisan sagalee kennuunis akka mirkaneessan dubbatan.

Dargaggoonni kunneen filannoo waliigalaa torbaffaa irratti kaardii fudhataniin sagalee isaanii kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.

ENA’n haala qophii filannoo waliigalaa boru gaggeeffamurratti sagalee kennuuf qophii Dirree Dawaatti jiru ilaalchisee dargaggoota adda addaa dubbiseera.

Dargaggoonni kunneen Filannoon bara kanaatiin yeroo jalqabaatiif filannoorratti kan hirmaatan ta'uu fi carraa seena qabeessa ta'uu isaa ibsanii, kaardii fudhachuun hirmaannaa agarsiisan sagalee kennuunis kan mirkaneessan ta'uu ibsaniiru.

Dargaggoota yaada isaanii kennan keessaa Iddil Faarah, Meelaat Abaatee fi Naasir Mahaammad, Sirna dimokiraasii dagaage ijaaruun Itiyoophiyaa boruu cimsuuf carraaqqii taasifamu keessatti ashaaraa keenya kaa'uuf qophoofneerra jedhaniiru.

Sochii waliigalaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta'uu ni hubannaa kan jedhan dargaggoonni kunneen; sagaleen gaggeessitoota filachuu fi ijaarsa sirna dimokiraasiitiin biyya cimsuun imaanaa hunda keenyaati jedhaniiru.

Dargaggoonni yaada isaanii kennan kan biroon Radi’eet Mokonnin, Jaamii Diinee fi Idiriis Muussaa ammoo, kaardii filannoo fudhachuun filannichaaf dursanii qophaa'uu isaanii ibsaniiru.

Haaluma Kanaan, filannoo boru gaggeeffamu irratti kaardii fudhataniin sagalee isaanii kennuun itti-gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan paartiileen siyaasaa 42 kan dorgaman yoo ta'u, namoonni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 ta'an filannoof akka galmaa’an ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015