Tamsaasa Kallatti:

Paartii nuuf ta’a jennee amannu filachuuf qophoofneerra - Jiraattota Magaalaa Jimmaa

Caamsaa 22/2018 (ENA): Paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhan jiraattonni jiraattonni Magaalaa Jimmaa ENA waliin turtt taasisan.

Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een filannoo waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24, 2018 ni gaggeeffama.

Lammiileen Itiyoophiyaas filannoo kanarratti hirmaachuuf fedhii guddaa akka qaban ibsaa jiru.

Jiraattonni Magaalaa Jimmaa gama kanaan yaada isaanii ENA’f kennan paartii siyaasaa guyyaa sana nuuf wayya jedhan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Jiraataan magaalattii Na’iim Nagaash "Paartii anaaf, ijoollee koo fi biyya kootiif gaarii ta'a jedhee yaadu filachuuf qophiidha" jedhan.

Sagaleen isaanii gatii guddaa akka qabuu fi hiree boruu kan murteessu ta’uu hubachuun dafee sagalee kennuuf murteessuu dubbataniiru.

Jiraataan magaalattii kan biraa aadde Taaddalech Tasammaa guyyaa sagalee kennuu hawwii guddaan eeggachaa akka jiran himan.

Sagaleen nama tokkoo gatii guddaa akka qabu hubachuun lammiin hundi Caamsaa 24 bahanii dhaaba itti fufee biyya fayyadu filachuuf ergaa isaanii dabarsaniiru.

Jiraattonni kan biraa Dachaasaa Gadadisaa fi Tirsiit Tashoomaa paartii guddinaa fi nagaa biyya keenyaaf hunda caalu filachuuf qophoofneerra jedhani.

Biyyi tokko sagalee fi carraaqqii lammiilee isheetiin ijaaramti. Sagaleen keenya gatii guddaa qaba; filannoo sirna dimokiraasii fi ijaarsa mootummaaf murteessaa ta’e kana irratti hirmaachuun dirqama lammummaa keenya ni baana jedhan.

#ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015